Fana: At a Speed of Life!

Hojiin Buna Dhama Addaa Ityoophiyaa beeksiisuu Ameerikaatti gaggeeffame

Finfinnee, Eebla 21, 2015 (FBC) – Hojiin Buna Dhama Addaa Ityoophiyaa beeksiisuu Ameerikaa kutaa Bulchiinsa Oreegan magaala Poortilaanditti gaggeeffameera.

Ministeerri Qonnaa, Abbaa Taayitaa Bunaaf shaayii fi daldaltonni Buna Gabaa Alaaf dhiyeessam agarsiisicharratti hirmaachuu ragaan Ameerikaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Jilli Ityoophiyaa kun Misooma Bunaafi Dhiheessii teeknooloojiirratti qaamolee biyyoota biroorraa agarsiisicharratti hirmaatan waliin mari’achuus ibsameera.

Abbaan Taayitaa Bunaaf Shaayii Ityoophiyaas ‘Illii Kaaffee’ waliin sanada walii galtee mallatteesseera.

Walii galtichi muuxannoo wal-jijjiiruufi tumsa leenjii hanqina hubannoo guuturratti kan xiyyeeffate ta’uu eerameera.

Fooyya’iinsa imaammataa, Oomishaa fi Oomishtummaa Buna Ityoophiyaa, sirna Gurgurtaa ammayyeessuu fi rakkoo jiran ilaalchisee Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaan ibsi taasiifamuu himameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.