Fana: At a Speed of Life!

Hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu haala guutuu ta’een gaggeeffamaa jira –Mootummaa Naannoo Amaaraa

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC) – Mootummaa Naannoo Amaaraa hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu hojjetamaa jiru ilaalchisee ibsa kenneera.

Hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu haala guutuu ta’een gaggeeffamaa jiraachuu himeera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Qaamoleen nageenyaa naannichaa qindoominaan naannawaa Magaalaa Bahirdaaritti lootee seentoota garee Finxaaleyyiirratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuu ibseera.

Faana isaanii hordofuun qulqulleessaa jiraachuu himeera.

Yaa ta’uutii tarkaanfii fudhatamaa jiru qolachuu kan dadhabe gareen Finxaaleyyii dhukaasa lubbuu nabaasii taasiisaa jiru miidiyaalee finxaaleyyii biyya keessaa fi alaan akka raajii hojjeteetti olola tamsaasaa jiraachuu eereera.

Tarkaanfii tibbana Godinaalee Goojjamii fi iddoolee birratti irratti fudhatame ilaalchise olola sobaa tumsitoota isaan ololchiisaa jiraachuu mootummaa naannicha ibsa kenneen himera.

Ololli garichi afarsaa jiru daraan dhugaarraa kan fagaate ta’uu kaaseera.

Yeroo ammaa naannawaan magaalaa Bahirdaar guutummaatti harka garee Finxaaleyyiirraa qulqullaa’uu himeera.

Gareen Finxaaleyyii kunneen tarkaanfii qindoomaa irratti fudhatamaa jiru qolachuu dadhabuun lubbuu nabaasiin baqachuu ibseera.

Raayyaan Ittisaa fi Qaamoleen nageenyaa naannichaa hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu bifa guutuu ta’een gaggeessaa jiraachuu himeera.

Nageenya waaraa naannichatti yeroo ammaa argame caalmaatti ittichuuf ummanni naannichaa qaamolee nageenyaa cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeesseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.