Fana: At a Speed of Life!

Hojiirra oolmaa labsii bulchiinsaa fi to’annoo meeshaa waraanarratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2012 (FBC) – Hojiirra oolmaa labsii bulchiinsaa fi to’annoo meeshaa waraanarratti mariin gaggeeffame.

Qopheessummaa ministeera nageenyaan gaggeeffama kan jiru marichi soda sababoota garagaraan uumamuu waliin walqabatee fedhiin hawaasni meesha waraana qabaachuu dabala dhufu ka’eera.

Kanarra kan darbe gama daangaan meeshaan waraanaa seeraan ala galaa  jiru dabala jiraachus himameera.

Marichaan bulchiinsaa fi to’annoo meeshaa waraanarratti yaadota ka’u akka galteetti fayyadamuun rakkinoota muldhatan furuuf akka gargaaru eerameera.

Wixineen labsii bulchiinsaa fi to’annoo meeshaa waraanaa yeroo darbe mana maree bakka bu’oota ummataaf dhiyaate ragga’un isaa ni yaadatama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.