Fana: At a Speed of Life!

Hojimaata oomishaalee madda anniisaa aduu liqaan bitachuun danda’amurratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC)- Hojimaata oomishaalee madda anniisaa aduu liqaan bitachuuf dandeessisu diriirsuu irratti mariin gaggeeffameera.
Kutaaleen hawaasaa bakkeewwan tajaajilli elektirikaa hin geenye jiraatan oomishaalee maddisiisa aannisaa aduu liqaan bitachuun fayyadamoo taasisuuf mariin gaggeeffameera.
Maricharratti Ministeerri Bishaanii fi Inarjii, Gorsitoonni Baankii Addunyaa fi qaamoleen dhimmamtootaa hirmaataniiru.
Kaayyoon waltajjichaa dhaabbilee teeknooloojii anniisaa aduu maddisiisan dhiyeessan fayyadamtoota waliin walitti fiduu ta’uu Ministeera Bishaanii fi Inarjiitti Ministir Deetaan damee Inarjii Dooktar Sulxaan Walii ibsaniiru.
Waltajjichi qaama kutaalee hawaasaa kuusaa elektirikaa biyyaalessaarraa fagaatanii jiran fayyadamoo taasisuu ta’uu kaasaniiru.
Fayyadamtoonni moodela biiznasii “Pay As Yu Go” jedhamuun kaffaltii gadi aanaa duraa kaffaluun fayyadamoo oomisha teeknooloojii soolaarii ta’uu akka danda’anii fi kaffaltii hafe bilbila isaaniin walqabsiisuun kan kaffalan ta’uu eerameera.
Kaffaltii isaanii wayita xumuran abbaa oomishichaa kan ta’an ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.