Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoonii Komishinii Gumrukaa fi Poolisii Federaalaa kontiroobaandistootaf haala mijeessaa turan to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 27, 2013 (FBC) – Komishiniin Gumrukaa hojjettoota Komishinii Gumrukaa fi miseensota Poolisii Federaalaa Kontiroobaandistootaf haala mijeessaa turan to’annoo jala oolchuu beeksiseera.
Komishiniin Gumrukaa Poolisii Federaalaa waliin ta’uun hojii opreeshinii baatii 3 oliif taasiiseen meeshaalee Kontiroobaandii fi namoota kontiroobaandistootaa tumsan to’annoo jala oolchuu Komishinarri Komishinii Gumrukaa obbo Dabalee Qaabataan himaniiru.
Hogganaan buufata to’annoo Poolisii Federaalaa damee Awaash faayidaa dhuunfaaf jecha miseensota poolisii Federaalaa fi hojjettoota waajjira Gumrukaa Awaash waliin ta’uun icciitiidhaan meeshaaleen kontiroobaandii haala salphaan akka dabarfamuuf osoo yaalii godhanuu to’atamaniiru.
Opreeshinii hojii icciitii baatii 3f hojjetameen Bitootessa 23,2013 meeshaalee kontiroobaandii, kontiroobaandistootaa fi namoota tumsan dabalatee to’annoo jala ooluunsaanii ibsameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.