Fana: At a Speed of Life!

Hordoffiin dhibee COVID -19 namoota kuma 2 fi 90f taasifamaa ture adda cite

Finfinnee, Bitootessa 19, 2012 (FBC) – Hordoffiin dhibee COVID -19 namoota kuma 2 fi 90f taasifamaa ture mallattoon dhibichaa waan irratti hin muul’anneef adda cituu isaa himame.
 
Namoota kuma 2 fi 90f iddoo tursiisa addaatti guyyoota 14f hordoffiin taasifamaafii ture mallattoo dhibichaarraa bilisa ta’uu isaanii Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa ifoomseera.
 
Inistiityuutichi imaltoonni alaa galan 636 iddoo tursiisa addaatti guyyoota 14f hordoffiin taasifmaafii akka jiru ibseera.
 
Imaaltoota kanneeniif f iddoo tursiisaa keessatti ogeeyyii fayyaa ramaduun hordoffiin guyyoota 14 taasifamaafii akka akka jiru himameera.
 
Gama biroon imaltoonni osoo murtoon hin darbin alaa galan 873 mana isaaniitti qophaatti foo’amuun ogeeyyii fayyaa fi bilbilaan hordoffiin guyyoota 14 taasifamaafii akka jiru Inistiityuutichi eerera.
 
Saa’atii 24 darbe keessatti namoonni 79 mallattoo vaayrasii agarsiiisuun qorannoo laabraatoorii godhameeffiin hundi isaanii bilisa ta’uu mirkanaa’era jedhe Inistiityuutichi ibsa galgala kana lateen.
 
Waliigala namoonni kumni 2 fi 90 guyyoota 14f hordoffiin godhamaafii ture mallattoo dhibichaarraa bilisa ta’uu isaaniin hordofffiin isaanii akka adda citu ta’eera jedhame.
 
Namoota dhibichaan qabamanii yaalarra jiran  keessa namni tokko guyyaa har’aa qorannoo taasifameefiin bilisa ta’uun mirkanaa’us of eeggannoof jecha dabalataan guyyoota 14f iddoo tursiisa addaa keessa akka turu taasifamuu ragaan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyarraa argame ni muul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.