Fana: At a Speed of Life!

Hordoftoonni Amantaa Islaamaa qormaata kutaa 12ffaa qoraman Fulbaana 28, ayyaana Mawuliidaa kabajuun Fulbaana 29 akka seenaan haalli mijate

Finfinnee, Fulbaana 25, 2015 (FBC) – Hordoftoonni Amantaa Islaamaa qormaata kutaa 12ffaa qoraman Fulbaana 28 ayyaana Mawuliidaa kabajuun Fulbaana 29 haala addaan akka seenaan haalli mijachuu Ministeerri Barnootaa beeksiise.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 Fulbaana 30 eegalee barattoota Saayinsii Hawaasaaf laatamuuf barattoonni Fulbaana 26 – 28, 2015tti iddoolee ramadamanitti argamuun Fulbaana 29, 2015 dhimmoota qormaatan walqabatanirratti ibsi akka laatamu ibsamee ture.

Yaa ta’uutii hordoftoonni Amantaa Islaamaa Fulbaana 28 ayyaana Mawuliidaa kabajuun Fulbaana 29 haala addaan akka seenaan haalli mijachuu Ministeerichi beeksiiseera.

Ibsi dhimmoota qormaatan walqabatanirratti Fulbaana 29,Dilbata waaree booda kan laatamu ta’uu eereera.

Hordoftoonni Amantichaa kana hubachuun yeroo jedhametti argamuun ibsicha akka hordofan yaadachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.