Fana: At a Speed of Life!

Hospitaala Xurunash Beejiingiif deeggarsa meeshaalee wal’aansaa taasisuuf waliigalteen mallatteeffame

Finfinnee, Sadaasa 20, 2015(FBC)- Hospitaala Xurunash Beejiingiif deeggarsa galtee meeshaalee wal’aansaa  Birrii miiliyoona 8.3 taasisuuf waliigalteen mallatteeffame.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaafi Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan jila Ittaanaa Ministiraa Komishinii Fayyaa Biyyaalessaa Chaayinaa Dooktar Kaa’oo Zhuutaawoon durfamu waliin mari’ataniiru.

Hariiroofi tumsa biyyoota lameeniifi dhimmoota gara fuuladuraatti waliin hojjetanirratti mari’achuu eerameera.

Deeggarsa Chaayinaan Hospitaal Xurunash Beejiingiif taasistuun tajaajilli hospitaalichaa yeroodhaa gara yerootti fooyya’aa dhufuu Dooktar Liyaan dubbataniiru.

Abbootiin qabeenyaa biyyattii qoricha oomishan Ityoophiyaatti akka bobba’anif waamicha dhiyeessuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Dooktar Kaa’oo Zhuutaawoon gamasaaniin, mootummaan Chaayinaa Hospitaaala Chaayinaaf xiyyeeffannoo kennuu ibsuun, deeggarsi hospitaalichaaf taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.