Fana: At a Speed of Life!

Humna kuufamaa qabnu fayyadamuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun danda’ameera – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Gurraandhala 4, 20015 (FBC) – Humna kuufamaa jiru fayyadamuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun danda’amuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Manni hojjichaa raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii gamaaggameera.

Damee qonnaa ammayyeessuu fi guddisuuf faayinaansii Qonna baadiyyaa guddisuun qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota waliin ga’uun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.

Bu’aa damee Qonnaan waggoottaan arfan darban argaman itti fufsiisuu, holiilee yeroo itti aanaan hojjetamuu qaban adda baasuun qooda fudhattoota hunda waliin qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaan humna qabdu hunda fayyadamuun qonna misooma Jallisii babal’isuu,oomishaalee gabaarratti barbaaddaman adda baasuun paakkeejjii guutuu Kilaasteraa fayyadamuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuu danda’uu ishee gabaasa dhiyaateen ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.