Fana: At a Speed of Life!

Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa Baankii Addunyaarra heyyama gorsaa argate

Finfinnee, Bitootessa 10, 2016 (FBC) – Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa Pirojektoota Maallaqa Baankii Addunyaan gaggeeffamurratti Hojii Gorsaa injinariingii dandeettii ofiin raawwachuuf heyyama argachuu beeksise.

Marii baankicha waliin taasiifameen hojii gorsaa dandeettii ofiin raawwachuuf waliigalteerra ga’amuu Humna Elektirikaa Itiyoophiyaatti Daayrektarri Dizzaayinii Siistama Sararoota Dabarsaa Qajeelcha Damee Injinariingii Obbo Yaareed Fiqaaduun ibsaniiru.
Haaluma kanaan dhaabbatichi hojiilee Sarveeyingii, dizzaayinii duraa, qophii Teeknikaalaa Ispeesiifikeeshinii, ibsa fedhii, buchiinsa Kontiraataa fi hojiilee to’annioo ijaarsaa dandeettii ofiin akka hojjetu eeyyama argachuu dubbataniiru.

Eeyyama gorsaa kana argachuun sharafa alaa baraaruuf qooda olaanaa qabaachuu Obbo Yaareed himuu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.