Fana: At a Speed of Life!

Humni qilleensaa FDRI of gurmeessuu fi ammayyeessuurratti argama – Letanaal Yirmaa Mardaasaa

Finfinnee, Caamsaa 15, 2014 (FBC) – Humni qilleensaa FDRI “ Raayyaan Biyya malee saba hinqabu” ilaalcha jedhu jijjiiruurraa eegalee gurmaa’ina, hidhannoo fi leenjiidhaan akkasumas ijaarsa humna namaatiin of gurmeessaa fi ammayyeessuurratti argama jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa dubbatan.
Humni qilleensaa Ityoophiyaa ramaddii humna qilleensaa giddugaleessaa raawwii dirqamaa isaaniin bu’aa olaanaa kanneen galmeessan miseensotaa fi Hoggantoota isaaf beekamtii kenneera.
Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, “Raayyaan Biyya malee saba hinqabu” ilaalcha jedhu jijjiiruurraa eegalee gurmaa’ina, hidhannoo fi leenjiidhaan akkasumas ijaarsa humna namaatiin ofii isaa gurmeessaa fi ammayyeessuurratti akka argamu ta’uu eeraniiru.
Ajajaan Ramaddii Humna Qilleensaa Giddugaleessaa Koloneel Wanduu Kaddaa gama isaaniin, ramaddiin qilleensaa riifoormii dhaabbatummaa as damee leenjii fi suphaan, qophaa’ummaa isaa gama mirkaneessuutiin milkaa’ina galmeessaa jiraachuu eeraniiru.
Miseensota raayyaaf beekamtiin kennamee fi badhaasni kennamuun caalmaatti kaka’umsaa kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Dirqama fuulduratti isaan eeggatu ba’achuufis qophii ta’uu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.