Fana: At a Speed of Life!

Humni qilleensaa Ityoophiyaa miseensota haaraa leenjii bu’uuraa loltummaa leenjisaa ture eebbise

Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) – Humni qilleensaa Ityoophiyaa miseensota haaraa leenjii bu’uuraa loltummaa leenjisaa ture eebbiseera.
Humni qilleensaa kun miseensota kanneen leenjii bu’uuraa loltummaa ofiisaaf leenjisee eebbisiisuun yeroo jalqabaatiif jedhame.
Itti aanaa Ajejaan humna qilleensaa Ityoophiyaa fi hogganaan damee humna namaa Birgaader Jeneraal Yittaayyaal Galaaw sirna kanarratti akka jedhan, leenjii itti aanu fudhachuun ergama mootummaa fi Ummanni isinitti kennu gahumsaan bahuu qabdu.
Akka OBN gabaaseetti dargaggoonni eebbifaman kunneen leenjii itti aanu fudhachuudhaan balallii xiyyaaraa fi ogummaa teekinikaa adda addaarratti bobba’uun kan tajaajilan ta’a.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.