Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa baranaaf sadarkaa olaanaan qophiin taasifamaa jira – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 18, 2016 (FBC) – Dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa baranaaf sadarkaa olaanaan qophiin taasifamaa jiraachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Bakkeewwan dhaabbii adda bahanii qophaa’aa kan jiran yoo ta’u, biqiltuuwwanis itti fufiinsaan biqilfamaa jiraachuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Sagantaan keenya waggaa waggaadhaan adeemsifamu kun qajeeltoo eegumsa naannawaa waaraa kan babal’isuu, jijjiirama qilleensaa kan ittisu, miidhaa golgolaa’uu bosonaa kan hanbisu, dhiqama biyyoo kan hirisu yoo ta’u, sochii miseensonni hawaasaa, manneen barnootaafi dhaabbileen waliin ta’anii biqiltuuwwan biiliyoonaan lakka’aman akka dhaaban itti taasifamedha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.