Fana: At a Speed of Life!

Humni waloo gaaffii nageenyaa jiraattota magaalichaa deebisuuf hundaa’e hojii eegaluu ibsame

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC)- Humni waloo gaaffii nageenyaa jiraattota magaalaa Finfinnee deebisuuf hundaa’e hojii eegaluu ibsameera.

Rakkoon uummataa akka furamuuf uummata waliin mariin akka gaggeeffamuuf kallattii mootummaan kaa’een gaaffiiwwan nageenyaa uummanni magaalichaa waltajjii mariin kaase deebisuuf humni waloo hundaa’uu yaadachiifameera.

Humni walichaa Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa magaalichaa fi Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneerraa kan walitti babba’e yoo ta’u, karoora waloo baasuun gara hojiitti galuu Ittaanaan hogganaa Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa magaalichaa fi hogganaan damee nagenyaa fi odeeffannoo Komishinar Fissahaa Gaarradaw ibsaniiru.

Humni waloo kun rakkoolee nageenyaa magaalichaa yeroo yeroon gamaaggamuun gabaasa raawwii kan dhiyeessu ta’uu fi rakkooleen humnaa olii yoo mudatan qaama dhimmi ilaaluuf yaada furmaataa eeruun akkaataa kallattii kennamuun hojiirra kan oolchu ta’uu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.