Fana: At a Speed of Life!

Humni Waloo Nageenyaa Ayyaanni Cuuphaa karaa nagaan xumuramuu ibse

Finfinnee, Amajjii 11, 2014 (FBC) – Humni Waloo Nageenyaa FDRI Ayyaanni Cuuphaa karaa nagaan xumuramuu beeksiseera.

Qindoominni abbootii amantaa, dargaggootaa,qaamolee nageenyaa fi koree qindeessituu Ayyaanichaa sirni kabaja Ayyaana Cuuphaa karaa nagaan akka xumuramu taasiisuu Humni Waloo Nageenyaa FDRI ibseera.

Ayyaanni Cuuphaa bara 2014 guutuu biyyattiitti sodaa fi rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan xumuramee humni waloo kun ibsa laateen himeera.

Hoggansa cimaa giddu gala tokkorraa laatamee fi iddoolee rakkoon nageenyaa ni muudataan shakkame dursanii adda baasuun hojii hojjetameen ayyaanichi milkiin xumuramuu eereera.

Ayyaannichi karaa nagaan akka xumuramu hirmaannaa Abbootiin Amantaa, hordoftoonni, qaamoleen nageenya, dargaggoonnii fi qindeesitoonni sadarkaan jiran taasiisan galateeffateera.

Sirni kabaja Ayyaana Cuuphaa haala maqaa gaarii biyyaa ijaaruun akkuma kabajameen yeroo itti aanus Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa dabatalee waltajjiiwwan idil addunyaa gaggeeffamu milkiin akka xumuramu hirmaannaan hawaasaa akka itti fufu Humni Waloo Nageenyaa FDRI kun gaafachuu ragaan Komishinii Poolisii Federaalarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.