Fana: At a Speed of Life!

Humnoonni alaa hedduun biyya keenya dadhabsiisuuf waraana bakka bu’iinsa labsuu hubachuun ummanni fashaleessuu qaba-Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Humnoonni alaa hedduun biyya keenya dadhabsiisuuf waraana bakka bu’iinsaa labsuu hubachuun ummanni keenya fashaleessuu qaba jechuun Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa ibsan.

Ajaja 8ffaatti kutaalee waraanaa raawwii olaanaa galmeessaniif sirni beekamtii fi badhaasa meedaaliyaa kennuu gaggeeffameera.

Sirna beekamtii kanarratti Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Ittaanaa Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa, Ajajaa Olaana Ajaja Kaaba-Dhihaa Jeneraal Geetaachoo Guddinaa, Pirezidaantii Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaa, jeneraalota, qondaaltotaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa saganticharratti akka jedhanitti, yeroo ammaa humnoonni hedduun biyya keenya dadhabsiisuuf waraana bakka bu’iinsa bal’aa labsuu ibsaniiru.

Shira humnoota kanneenii hubachuun ummanni fashaleessuu qaba jedhaniiru.

Miseensonni raayyaa fi hoggantoonni ajaja 8ffaa dirqama raawwataniin balaa diigamuu biyya mudatee turerraa baraaruutti boonuu qabu jedhaniiru.

Pirezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaa, gareen shororkeessaa ABUT adeemsa biyya diiguuf taasisan yaadachiisuun, ammas garechi gochaa biyya ganuu raawwachuun dura irra deddeebiin itti yaaduu qaba jedhaniiru.

Ajajaan Olaanaan Ajaja 8ffaa Leeteneela Jeneraal Asaffaa Chakkol, ajajichi erga hundeeffame yeroo gabaabaa ta’uus, ga’umsa kutaalee deeggarsaa fi loltootaa cimsuuf ajajoota biroof humna tumsaa ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.