Fana: At a Speed of Life!

Humnoota farreen nageenya ummataa gama qulqulleesuutiin hojiileen bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2014 (FBC) – Humnoota farreen nageenya ummataa gama qulqulleesuutiin Raayyaan Ittisaa qaamolee nageenyaa biroo waliin qindoominaan hojiilee bu’aa qabeessa hojjechaa jiraachuu ibsame.
Qajeelchi Waliigalaa Ajaja Kibbaa, qaamolee bulchiinsaaf nageenyaa Naannoo Oromiyaa, Godinaalee Arsii Lixaa, Boorana, Gujii Lixa fi Bahaa, Baalee fi Arsii akkasumas Godinaalee Gidaamaarraa baba’an waliin mari’ateera.
Maricharratti Ajaajaan Humna Qilleensaa fi Komaando Leetenaal Jeneraala Shuumaa Abdataa akka jedhanitti, nagaan dhabamuun jireenyaa lammiilee kan jeequu fi farra guddina biyyati.
Nageenya ummataa mirkaneessuuf qaamoleen bulchinsaaf nageenyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisniiru.
Hirmaattonni marichaas gabaasa muuxannoo nageenyaa naannawaa isaanii kan dhiyeessan yoo ta’u, wabii nageenya ummataa kan gufachiisan humnoota finxaaleyyii dhabamsiisuuf, waldeeggaruun Raayya Ittisaa waliin qindoominaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibsuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.