Fana: At a Speed of Life!

Ibsa Abbaa Alangaa Waliigalaarraa kenname

Finfinnee, Bitootessa 19, 2012 (FBC) – Weerara dhibee vaayrasii koroonaa ittisuun dirqama lammiilee hundaa ta’uu Abbaan Alangaa Waliigalaa beeksise.
 
Abbaan Alangaa Waliigalaa weerara vaayrasii koroonaa ilaalchise ibsa har’a baaseen, yeroo ammaatti hojiin weerara dhibee COVID-19 ittisuu xiyyeeffaannoo olaanaa biyyaalessaa ta’uu akka qabu ibseera.
 
Mootummaan weerara idil addunyaa kana ittisuuf tarkaanfiwwan fudhachaa akka jiru kan eere ibsichi, ummanni waa’ee dhibichaa hubannoo guutuu qabaatee of eeggannoo barbaachisu akka taasisuuf amalootaa fi karaalee ittiin daddarburratti hojiin xiyyeeffaannoo qabu qindoominaan hojjetamuu akka barbaachisu qeeqera.
 
Qajeelfamaa fi murteewwan vaaryasii koroonaa ittisuuf ba’an hojiitti hiikurratti haalli jiru quubsaa akka hin taane ibsameera.
 
Dhaabbilee fi qaamooleen dhuunfaa qajeelfamaa fi murteewwan vaaryasii koroonaa ittisuuf ba’an cabsuun odeeffannoo sobaa tatamsaasanii fi bu’a hin malle argachuuf seeraan ala socho’aa jiran of qusachuu akka qaban ibsi kun hubachiiseera.
 
Dhaabbiilee fi qaamoolee dhuunfaa qajeelfamaa fi murteewwan weeraricha ittisuuf ba’an cabsan kamiiyyuurratti akkaataa qajeelfamaa fi seera yakkaa biyyattiin tarkaanfiin wayitaawaa ta’e kan fudhatamu ta’uu Abbaan Alangaa Waliigalaa ibsa kanaan akeekkachiiseera.
 
Qajeelfamaa fi murteewwan weeraricha ittisuuf ba’an hojiitti hiikuun faayidaan isaa qaama dhuunfaa kaasee hanga biyyaatti ta’uu hubachuun lammiilee fi biyya dandamachiisuuf akka abbaa dhimmaatti of ilaaluun murteessa ta’uu eerara.
 
Abbaan alangichaa haala kana hubachuun qaamni hundi hanga humni isaa eeyyameefitti of eeggannoo gochuu akka qabu waamicha dhiyeessera.
 
Yaa ta’iitii qaamoolee fi dhaabbilee qajeelfamaa fi murteewwan darbuun fayyummaa hawaasaa fi nageenya biyyaa balaaf saaxiluurratti argaman bu’uruma seeraan tarkaanfiin seeraa fi ariifataa araarama tokko malee kan irratti fudhatamu ta’uu hubachiiseera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.