Fana: At a Speed of Life!

IGAD Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluuf beekamtii kenne

Finfinnee, Amajjii 24, 2015(FBC)- Mootummoonni Misooma Baha Afrikaa( IGAD) Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluun nageenyaaf sagalee ta’uun gahee ba’atteef beekamtii kenneera.

IGAD gabaasa sadaffaa waggaa Keeniyaa magaalaa Moombaasaatti gamaaggamaa jira.

Barreessaa Olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoon, wayita naannawichi rakkoolee nam-tolcheefi uumamaan qoramaa turetti dhaabbileefi namoonni dhuunfaa garaagaraa nageenya naannawichaaf gahee bakka bu’iinsa hin qabne bahachuu ibsaniiru.

Namoota dhuunfaa jijjiirama qabeenya qilleensaa, ittisa balaa, nageenyaafi tasgabbii, deeggarsa namoomaafi dhimmoota biroorratti gahee mataasaanii bahatan 21’f beekkamtiin kennameera.

Gargaartuun Komishinaraa Daraartuu Tulluun walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaatti mudatee ture hordofee nageenyi akka bu’uuf waltajjiiwwan garaagaraarratti sagalee nageenyaa ta’uun gahee ba’atteef beekkamtiin kennamuufi ibsaniiru.

Waltajjii kamirrattuu nageenyaaf dhaabbachuun Ambaasaaddara gaarummaa ta’uushee gochaan agarsiisteetti jechuu isaanii TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.