Fana: At a Speed of Life!

Iityoo- Teeleekoom barattoota Yuunvarsiitiif deeggarsa maallaqaa taasisuuf

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Iityoo- Teeleekoom barattoota Yuunvarsiitii mootummaa keessatti baratan kuma 4’f  deeggarsa maallaqaa taasiisuf akka ta’e ifoome.

Dhaabbanni Iityoo- Teeleekoom barabaraan barattoota Yuunvarsiitii mootummaa keessatti barataniif  Birrii miiliyoona 16 deeggarsa taasisuuf akka ta’e hojii raawwachiiftuun dhaabbaticha aadde Fireehiyiwat Taammiru beeksisaniiru.

Dhaabbatichi barattoota Yuunvarsiitiiwwan biyyattii keessatti argaman warreen deeggasra barbaadaan hundaaf deeggarsa kan taasiisuu ta’uu aadde Fireehiyiwat dubbataniiru.

Sagantaan deeggarsa kun bara 2006 kan eegalame yoo ta’u, xumura bara baajataa 2011  Yuunvarsiitiiwwan 13 keessatti barattoota 840’f deeggarsa taasiisaa turuu isaa dhaabbatichi fuuluu miidiyaa hawaasummaa isaatiin beeksisee jira.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.