Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Hidha Haaromsaa Xumursiisuun walitti hidhamiinsa diinagdee naannichaa cimsuun nageenyaf faayidaa olaanaa qaba jedhame

Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) – Ijaarsa Hidha Haaromsaa Xumursiisuun walitti hidhamiinsa diinagdee naannichaa cimsuun nageenyaf gatii olaanaa qabaachuu qorattoonni damichaa ibsan.
Waldhabdeen lageen daangaa ce’aa hordofee ka’e seenaa dhiyoo keessatti kan hin jirre ta’uu Mariisiisan Hidha Haaromsaa duraanii fi dhimma Siyaasa Ji’oo Laga Abbaayyaa hordofaa kan turan obbo Fiqii Ahimad Nagaash Faanaa Broodkaastiingi Korporeetiif himaniiru.
Hidhaa Haaromsaa Guddichi Ityoophiyaan ijaarsisaa jirtu biyyoota Yaa’ichaa keessatti isa jalqabaa akka hin taane dubbataniiru.
Gibtsi bishaan hidha dachaan lamaan ol qabachuu kan danda’u Hidhaa Aswaan ijaartee xumurte naannichaatti miidhaan uume hin turre jedhan.
Hidhaan Haaromsaa madaallii kamiiniyyuu naannichatti rakkoo waldhabdee ta’uu akka hin dandeenya Yuunvarsiitii Aarbaa Mincitti Daayreektarri Inistiityuutii Saayinsii Teeknooloojii Bishaanii Dooktar Abdallaa Kamaal himaniiru.
Proojektichi walitti hidhamiinsi diinagdee naannichaa caalmaatti akka cimuuu fi obbola’ummaa kan jabeessu ta’uu himaniiru.
Hidhaan Haaromsaa rakkoo balaa Lolaa Sudaan yeroo yeroon muudatu kan furuu fi ardichatti damee hedduun faayidaa qabaachuu eeraniiru.
Hojiilee misoomaa cimaarratti xiyyeeffachuun qabeenya biyyatii kan guddisuu fi dandeettii marii kan ol kaasu ta’uu hayyoonni kunneen eeraniiru.
Awwal Abarraatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.