Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa mana barumsaaf deeggarsi Birrii miiliyoona 30 taasifame

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) – Mootummaan Jaappaan Wallaggaa Baha aanaa Saasiiggaatti mana barumsaa ijaaruuf Birrii miiliyoona 30 deeggarsa taasise.

Proojakticha abbumaan kan hoggaannu Biiroo tajaajila proojaktii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNOPS)ti jedhame.

Ityoophiyaatti Ambaasaadarri Jaappaan Daayisuukii Maatisuunaangaan Jappaan Hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu kan yeroo kamiiyyuu calaa cimsaaf dhufuu himaniiru.

Proojaktichi hawaasa Wallaggaa Bahaa aanaa Saasiiggaatti argaman fayyadamoo taasisuu fi manneen barnoota sababoota garaagaraan miidhaan irra ga’e akka haaraatti ni ijaara jedhaniiru.

Yeroo ammaas baasii Birrii miiliyoonaa 30 mana barumsaa barattoota 400 keessummeessuu danda’u fi kutaa barsiisotaa 8 qabu waggaa tokko keessatti xumuramuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhame.

Dursaan garee adeemsa baruu fi barsiisuu Biiroo Barnoota Oromiyaa obbo Rattaa Nagawoo gama isaaniin, walitti bu’iinsa garaagaraan manneen barnootaa miidhaan irra ga’e keessaa inni tokko mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Leeliisuu Waataatii jedhan.

Manni barumsaa kun yeroo ijaarsisaa xumurame jiraattoota naannichaa fayyadamoo ni taasisaa jedhaniiru.

Akka EBCn gabaaseetti Tajaajilli Proojaktii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hojii ijaarsichaa dizaayinii isaarraa eegalee hanga xumuraatti kan raawwatu ta’uu himameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.