Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Mana Tiyaatiraa Raas’f dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanecha Abeebee Ijaarsa mana tiyaatiraa Raas’f dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti Aadde Adaanech ergaa dabarsaniin, ogummaa artiif xiyyeeffannaa addaa kennuun hojjechaa jirra jedhan.

Bulchiinsi magaalichaas manneen tiyaatiraa 10 kan ijaarsise ta’uu himuun, ijaarsa mana tiyatiraa haaraa kanaaf dhagaa bu’uuraa kaa’uu ibsan.

“Kan hinxumurre hinjalqabnu” kan jedhan Aadde Adaanech, aartiin dhaloota ijaaruu fi qaruu keessatti gumaacha olaanaa waan qabuuf xiyyeeffaa kenninee hojjechuu itti fufna jedhaniiru.

Ogeeyyiin damechaas aartii fayyadamuun ijaarsa biyyaa, nageenyaa fi tasgabbiirratti caalchisanii hojjechuu akka qaban dhaamuu isanii ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni eera.

Bulchiinsi Magaala Finfinnee ijaarsa mana tiyaatiraa fi aadaa akkasumas tibbanaa Mana Tiyaatiraa Dargaggoota fi Daa’immanii fi mana tiyaatira ‘Haager Fiqir’ xumuraa jiraachuun ibsameera.

Guyyaa har’aa sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu ijaarsa mana tiyaatiraa ‘Raas’ irrattii artistoonni bebbeekamoon argamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.