Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa masgiidota Mooxaatti gubatanii fi lammiilee qabeenyi jalaa barbadaa’e deeggaruuf Birrii miiliyoonni 209 walitti qabameera

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Ijaarsa masgiidota Mooxaatti gubatanii fi lammiilee qabeenyi jalaa barbadaa’e deeggaruuf Birrii miiliyoonni 209 walitti qabameera.

Preezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa Muuftii Hajii Umar Idriis deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Sagantaa deeggarsa walitti qabuu Amajjii 22,2012 eegalee gaggeeffameen Birriin miiliyoonni 209 walitti qabamuus ibsaniiru.

Maallaqa eerameen ala meeshaaleen addaddaa Birrii kuma 700 sassaabbameera.

Deeggarsicharratti hawaasa Musliimatiin ala hordoftoonni amantaa biroos hirmaachuu ibsaniiru preezdaantichi.

Maallaqni biyyoota alaatti sassaabbame dabalataan kan jiru yammuu ta’u, innis amma Gurraandhala 24,2012tti galii ni ta’a jedhan.

Sagantaa galii walitti qabuu xumurameen, karoorri qabame Birrii miiliyoona 200 ture. Kan sassaabbame garuu karooraa oli jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.