Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Proojektii Bishaan Dhugaatii qulqulluu magaalaa Dagahaaburiif dhagaan bu’uuraa kaa’me

Finfinnee, Caamsaa 27, 2013 (FBC) – Birrii miiliyoona dhibba 8n kan ijaarramu Proojektii Bishaan Dhugaatii qulqulluu magaalaa Dagahaaburiif dhagaan bu’uuraa kaa’meera.
Sirni dhagaa bu’uuraa kaa’uu kun bakka itti aanaa Preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad, hoggantoonni mootummaa naannichaa fi jiraattoonni magaalaa Dagahaabur argamanitti gaggeeffameera.
Ijaarsi Proojektichaa waggaa 1 fi baatii 8 keessatti kan xummuramu ta’uu hogganaan Biiroo qabeenya Bishaanii naannichaa obbo Abraahimaan Ahimad Hasan ibsaniiru.
Guyyaatti Bishaan Meetir Kiyuubii kuma 9 ol maddisisuu danda’a jedhame.
Jiraattoota magaalichaa fi godinichaa kuma 90 ol fayyadamoo taassuu akka danda’us himaniiru.
Jijjiirramicha hordofee hojiileen misoomaa ummata naannichaa fayyadamoo taasiisan hedduun hojjetamuu itti aanaa Preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad dubbachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominiikeeshinii Mootummaa naannichaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo Waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.