Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Buufata Raabsa Humna Elektirikaa Waraabee eegalame

Finfinnee,Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Hojii fi Kalaqaa Aadde Mufaariyaat Kaamil Godina Silxeetti Ijaarsa Buufata Raabsa Humna Elektirikaa Waraabee eegalame jalqabsiisaniiru.
Ijaarsa Buufatichaaf Birrii miiliyoonni dhibbi 6 baasii kan ta’u ta’uu ibsameera.
Bulchaan Godina Silxee obbo Alii Kadir, gaaffii bara dheeraa ummataa kan ta’e ijaarsi buufata Raabsa Humna Elektirikaa kun akka eegalamu qaamolee qooda qaban galateeffataniiru.
Ijaarsa buufatichaa Baatiwwan 12 keessatti xumuruuf kan hojjetamu ta’uu Hojii Gaggeessaa Olaanaan Humna Elektirikii Ityoophiyaa obbo Ashaabbir Baalchaan ibsaniiru.
Ijaarramuun proojektichaa gaaffii ummataa deebisuurra darbee magaalaa Waraabee fi naannoo isheetti hojiilee investimantii babal’isuuf shoora olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Hojii fi Kalaqaa Aadde Mufaariyaat Kaamil ibsaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.