Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Wiirtuu To’annoo Tiraafikaa Finfinnee eegalame

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2012 (FBC) – Ijaarsi Wiirtuu To’annoo Tiraafikaa Finfinnee eegalame.

Ijaarsicha kan eegalchiisan itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaati.

Ijaarsi dhaabbatichaa Birrii miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 35, baatii 18 keessatti hojjetama.

Wiirtichi abbaa darbii 4 yammuu ta’u, lafa jalatti ijaarrama. Gubbaan isaa iddoo magariisaa fi bashannanaa ta’a.

Dabalataan ijaarsi gamoo abbaa darbii 4 waajjiraalee seektaroota geejibaa hunda of jalatti hammatu Birrii biiliyoona 1.5 jalqabsiifameera.

Cinaadhan ammoo gamoon abbaan darbii 20 seektaroota tiraafikaa qabatu ni ijaarrama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.