Fana: At a Speed of Life!

Ilaalchi Fiinxaalessummaa cabuu dhabuun walitti bu’iinsi akka uumamuuf ka’umsa ta’eera-Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Caamsaa 15, 2014 (FBC) – Ilaalchi fiinxaalessummaafi cichitummaa cabuu dhabuun ka’umsa walitti bu’iinsaa ta’eera jechuun Itti Gaafatamaan Hariiroo Ummataa fi Idila Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar.Biqilaa Hurrisaa ibsan.

Walitti hidhamiinsa Ityoophiyaanotaa cicciruuvfi ummata addaan qooduun Ityoophiyaa diiguuf shirri hin xaxamne hin jiru jedhan.

Keessumaa waggoottan 4’n darban Ityoophiyaa keessatti walitti bu’iinsi sabummaa, amantaa, daangaa, eenyummaa fi kanneen biroo da’eeffachuun walitti bu’iinsi uumaaman hedduu ta’uus yaadachiisan.

Walitti bu’iinsa kana hordofees lubbuun baduu, miidhaan qaamaa dhaqqabuu, qabeenyi nama dhuunfaa, mootummaa fi ummataarra mancaatii olaanaan qaqqabeera jedhan.

Walitti bu’iinsi kunneen humnoonni alaafi keessaa walta’uudhaan kan uuman ta’uu kan himan Dooktar Biqilaan, ilaalchi fiinxaalessummaafi cichitummaa cabuu dhabuun, walitti bu’iinsi akka babal’atuuf taateewwan sababa ta’an keessaa ijoo ta’uu kaasaniiru.

Diinonni Ityoophiyaas yeroo hundaa fedhiin isaanii Tokkummaa ummatootaa diiguun shakkiin akka wal ilaalan gochuu fi adeemsa keessas biyya diiguuf ta’uu hubachuun, Ityoophiyaanonni mootummaa cinaa dhaabbachuun mana isaanii waloo eeguu qabu jechuun dhaamaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.