Fana: At a Speed of Life!

Imalli nyaataa fi shaqaxaalee bu’uuraatiin of danda’uu akka milkaa’uuf oomishtummaan aadaa ta’uu qaba-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI  Abiy Ahimad Ityoophiyaatti kan eegalee imalli nyaataa fi shaqaxaalee bu’uuraatiin of danda’uu waaraan akka milkaa’uuf oomishtummaan aadaa ta’uu qaba jedhaniiru.

MM Abiy Ahimad fuula Twiitara isaaniin akka ibsanitti, oomishtummaa biyya keenyaa dabaluuf carraa hedduun jira jedhaniiru.

Qabeenya uumamaa kuufamaa, qabeenya qilleensaa mijataa, lafa misoomaa, qabeenya bishaanii fi humna ga’aa qabna kan jedhaan MM Abiy Ahimad, qabeenyawwan sirnaan faayidaarra hin oolle kanneen walqunnamsiisuun oomishtummaan dabalamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.