Fana: At a Speed of Life!

Injifannoo Marii Sadeen argameef sirni galateeffannaa qophaa’e

Finfinnee, Adooleessa 8, 2013 (FBC) – Injifannoo Ityoophiyaan Marii Sadee Hidha Haaromsaa Guddicharratti argatte ilaalchisee sirni galateeffannaa Ministeera Bishaan,Jallisii fi Inarjiitti qophaa’e.
Ityoophiyaa, Sudaan fi Gibtsii kanaan dura dhimma maree ijaarsa Hidha Haaromsaa irratti taasifamu ilaalchisee Gama dhaabbata Gamtaa Afriikaatiin akka geggeeffamu Ityoophiyaan yaada dhiheessite Sudaanii fi Gibtsi irra deddeebiin mormiin kuffisaa turaniiru.
Akkasumas Koongoo Kinsaashaattis yeroo lamaa oliif walarguun biyyoonni sadan marii taasisanis walii galteerra osoo hin ga’in hafuun kan yaadatamuudha.
Dhimmi Maree sadee kunis Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti akka ilaalamuuf yeroo hedduu sudaanii fi Gibtsi yaalii taasisaa turaniiru.
Tibbana Jilli Ministiira Ministeera Bishaan ,Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Siilashii Baqqalaan durfamu Yaa’ii Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii qopheesserratti hirmaachuun,Fedhii fi Karoora Ityoophiyaan Ijaarsa Hidha Guddicha irratti qabduufi Haala qabatamaa Uummattoota Ityoophiyaa ilaalchisuun ibsa bal’aa fi dhugaa Ityoophiyaan qabdu gamtichaaf ibsaniiru.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimmicha erga ilaalee booda dhimmichi gama Gamtaa Afriikaan akka ilaalamu murteessuun kan yaadatamuudha.
Guyyaa har’aa ammoo Dooktar Injinar Silashii Baqqalaa dabalatee namoota Ityoophiyaa bakka bu’uun fedhii fi Faayidaa Uummattoota Ityoophiyaa kabachiisuuf aarsaa guddaa kaffalaniif sagantaan galateeffannaa qophaa’eera.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.