Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaa Uumaa hojiiwwan misoomaa albuudaa naannoo Affaaritti argaman daawwataniiru

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2013 (FBC) – Injiinar Taakkalaa Uumaa hojiiwwan misoomaa albuudaa naannoo Affaaritti argaman daawwataniiru.

Ministirri Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaa Preezdaanti Affaar obbo Awwal Arbaa waliin ta’uun hojiiwwan misoomaa albuuda potaash, ashaboo fi biroomiiniirratti raawwatama jiru daawwataniiru.

Injiinar Taakkalaan naannoo Affaar bakka Afideeraatti dhaabbata Chaayinaa “Tanaaraamuu keemikaalsi” jedhamuun doolaara miiliyoonaa 57 ijaaramaa jiru dhaabbata Biroomii daawwataniiru.

Dhiyeenyatti xumuramuun gara hojiitti kan galuu ibsuun asiisii haaydiroojiin biroomaaydi qopheessuun gabaa alaaf ni dhiyyeessa jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.