Fana: At a Speed of Life!

Injinaar Silashii Baqqalaan xalayaa Dooktar Abiy Ahimad irra ergame preezdaant Ugaandaaf laatan

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2013 (FBC)- Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaan xalayaa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad irra ergame preezdaantii Ugaandaa Yuuweer Muuseeveeniif laataniiru.

Jilli ministirichaan durfamu preezdaantiichaa waliin dhimmoota garagaraarratti mari’ataniiru.

Injinaar Silashii Baqqalaan, filannoo marsaa 6ffaa gaggeeffamuu, ijaarsa hidha haaromsaa, deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti taasifamuu fi deebisanii dhaabuu akkasumas rakkoo daangaa Ityoo-Sudaan irratti preezdaantiichaaf ibsa taasisaniiru.

Preezdaantii Ugaandaa Yuuweer gama isaaniitin, biyyoonni yaa’aa gadii akkataa itti fayyadamaa lagaa Naayiil waliin walqabsiisee dhimmoota jiran irratti waliin dubbachuuf bifa walga’iitiin yaa’iin wamaamee akka mari’atan yaada dhiyeessaniiru.

Jilli ministirichaan durfamu tibba darbe hoggantoota Sudaan kibbaa fi Ruwaandaaf xalayaa Dooktar Abiy Ahimad irraa ergamee laachuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarra ergamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.