Fana: At a Speed of Life!

Irreechi Malkaa Hora Amboo Waggoota 70 booda saaqame

Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC) – Irreechi malkaa Hora Amboo waggoota 70 darbaniif cufamee ture saaqamuu ibsameera.
Sirna saaqiinsaa isaa irratti Abbootiin Gadaa, Qeerroowwan, hoggantoonni olaanoo magaalaa Amboo fi Godina Shawaa Lixaa akkasumas hawaasni magaalichaa argamaniiru.
Mootummaan jijjiirrama aadaa fi duudhaa uummata Oromoo guddisuun misooma hawaasa hojjechaa jiraachuu kantiibaan magaalaa Amboo obbo Saahiluu Dirribsaa ibsaniiru.
Bara dhufu Irreecha magaalaa Amboo karaa uummata Oromoo bal’aa hirmaachisee fi bifa hawwataa ta’een ni kabajna jechuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaarraa argame ni Muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.