Fana: At a Speed of Life!

Israa’el dhiibbaa humnoota alaaf osoo hin jilbeenfatiin faayidaa biyyaalessaa ishee ni kabachiifti- Neetaaniyaahuu

Finfinnee, Mudde 27, 2015 (FBC) – Israa’el dhiibbaa humnoota alaaf osoo hin jilbeenfatiin faayidaa biyyaalessaa ishee ni kabachiifti jedhan Muummeen Ministiraa biyyattii Beenjaamiin Neetaaniyaahuun.

Muummee Ministiraa Israa’el ta’uun kan filataman Beenjaamiin Neetiyaanaahuun yeroo dhihoon duran dura mootummaa haaraa hundeessuun isaanii kan yaadatamudha.

Beenjaamiin Neetaaniyaahuun ibsa guyyaa har’aa laataniin, Israa’el imaammata alaasheerratti fooyya’iinsa kan taasistu ta’uu beeksisaniiru.

Imaammanni alaa biyyattii gara fuula duraatti bahu birmadummaafi faayidaa biyyaalessaa Israa’el kan kabachiisu ta’uu addeessaniiru.

Israa’el dhiibbaa biyyoota alaaf kan hin jilbeeffanne ta’uu kaasuun, bulchiinsa biyyattii kabachiisuufi dhiibbaa uumtee akka itti fuftuuf kutannoon ni hojjenna jedhaniiru.

Hariiroon hunda galeessaa biyyoota alaa wajjiin biyyattiin qabaattus haala faayidaa waloo kabachiiseen ta’uu ibsuusaanii RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.