Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Ijaarsa Diinagdee Dijitaalaaf xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jirti – Obbo Tamasgeen Xirunaa

Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan Ijaarsa Diinagdee Dijitaalaaf xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jiraachuu Itti Aanaan Ministira Muummee FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan ibsaniiru.
Argisiisa Istiraayid Itiyoophiyaan hojii Ijaarsa Diinagdee Dijitaalaa qormaatilee hanga ammaatti jiruu fi karoora yeroo itti aanirrattu mariin paanaalii gaggeeffameera.
Misoomni diijitaalaa carraa misoomaa gara fulduraa biyyaa fi fayyadamummaa tokkoon tokkoo lammiilee biyyattii mirkaneessuuf meeshaa murteessa ta’uu Obbo Tamasgeen dubbataniiru.
Kenniinsa tajaajilaa dhaqqabamaafi ariifataa diinagdee biyyaa utubuu danda’u idileessuun mul’ata diinagdee dijitaalaa milkeessuun ni danda’ama jedhan Itti Aanaan Ministira Muummee FDRI Obbo Tamasgeen xirunaan maricharratti yaada kennanniin.
Tajaajila fooyyessuu, carraa hojii uumuu, itti fayyadama teekinooloojii idileessuu, oomishtummaa qulqullinaan dabaluu, bu’uuraalee misoomaa waliin gahuu irratti xiyyeeffatamuu Obbo Tamasgeen Xirunaa himaniiru.
Fireehiwoot Saffiiwutu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.