Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Miseensa Baankii ‘New Development Bank’ ta’uuf hojjechaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Ebla 18, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan Miseensa Baankii ‘New Deve lopment Bank’ ta’uuf hojjechaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Baankii BRICS kan ta’e Miseensa Baankii ‘New Development Bank’ ta’uuf hojjetamaa jiraachuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Nabiyyuu Tadlaan ibsa torbee kennaniin himaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Itti Aantuu Barreessituu Olaantuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad waliin marii bu’aa qabeessa taasiisuu isaanii dubbii himichi eeraniiru.

Baatii Adoolessaa dhufu keessa Itiyoophiyaan Yaa’ii Misooma Faayinaansii Addunyaa 4ffaa milkiin qopheessuuf hojjetaa jiraachuu kaasaniiru.

Milkaa’ina isaaf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhababilee idil addunyaa biroo waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Torbee kana Ministirri Muummee Liibiyaa Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasiisuu eeruun, Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin dhimmoota hariiroo waloo biyyoota lamaanirratti mari’atamuu himaniiru.

Jilli Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaan durfamu waltajjii BRICS Raashiyaa Magaalaa Mooskotti gaggeeffamerratti hirmaachuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan Baankii BRICS kan ta’e miseensa Baankii ‘New Development’ ta’uuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu ibsa isaaniin eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.