Fana: At a Speed of Life!

Itti fayyadamni miidiyaalee yeroo kakaasii filannootti haqa qabeessa ta’uu qaba- paariilee

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Itti fayyadamni miidiyaalee yeroo kakaasii filannoo haqa qabeessa ta’uu akka qabu paariileen siyaasaa hubachiisaan.

Paartiileen morkattootaa Faanaa Biroodkaasting Koorporeetiin dubbise tokko tokko akka jedhanitti haalli itti fayyadama miidiyaalee yeroo kakaaasii filannoo komii kaasaa jira.

Itti gaafatamaan dhimmoota koominiikeeshinii Adda Bilisummaa Oromoo obbo Qajeelaa Mardaasaa komiin kunneen duula filannoo biyyaaleessa bara 2012 irratti furamuu akka qaban dubbataniiru.

Filannoo biyyaaleessaa kana keessatti labsii fi qajeelfamoonni namuusa galmee Paartiilee siyyaasaa hojiitti hiikkamuu akka qaban keesaniiru.

Miseensi koree giddugaleessa Adda Bilisa Baasaa Afaarra obbo Aluu Ayidaayish gama isaaniin Paartiileen imaammataa fi tarsiimoo isaanii bilisummaan akka beeksiifataniif haalli itti fayyadamaa miidiyaalee haqa qabeessa ta’uu qaba jedhan.

Miseensi Boordii Filannoo Biyyaaleessa Ityoophiyaa Dooktar Geetahuun Kaasaa, haallii itti fayyadama miidiyaalee yeroo kakaasii filannoo haqa qabeessa akka ta’uuf qeelfamni qophaa’uu isaa dubbataniiru.

Namuusa gaazeexeessummaa hordofuun miidiyaalee loogii irraa bilisa gochuuf qophiin duraa godhamuu eeraniiru.

Daayreekteerri dhimmoota koominiikeeshinii Abbaa Taayitaa Biroodkaastingii Ityoophiyaa obbo Gebragiyoorgiis Abrahaam gama isaaniin, paartiileen sadarkaa isaan itti dorgoman erga adda bahee booda yeroo qilleensaa qooduutti ni galama jedhaniiru.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.