Fana: At a Speed of Life!

Itti quufiinsa maamiltootaa mirkaneessuun hojiisaa jalqabaa ta’uu Ityoo Teelekoom ibse

Finfinnee, Fulbaana 16, 2015(FBC)- Itti quufiinsa maamiltootaa mirkaneessuuniifi damichaan dorgomaafi bu’aaqabeessa ta’ee argamuun  hojiisaa jalqabaa ta’uu Ityoo Teelekoom ibse.

Dhaabbatichi karoora guddinaafi tarsiimawaa isaa waggoota sadii ifoomseera.

Hojii raawwachiistuu olaantuun dhaabbatichaa Fireehiwoot Taammiruun, tarsiimoo haaraan bifa imaammata mootummaa giddugaleessa godhateeniifi haala biyyattiifi idil addunyaa ilaalacha keessa galcheen bocamuu ibsaniiru.

Kanarra darbee dameewwan qonnaa, barnootaafi fayyaarratti tajaajila idilee kennuurra darbee hojii bal’aa hojjechuuf karoorfamuu eeraniiru.

Tarsiimichi bara 2015-2017 kan turu ta’uu ibsaniiru.

Tarsiimoon yeroo tajaajila isaa xumure filannoowwan garaagaraa fayyadamuuniifi waliin gahuun lakkoofsa maamiltootaa guddisuu danda’uu ibsaniiru.

Sadarkaa galiitiinis Birrii biiliyoona 37rraa hgara Birrii biiliyoona 61tti guddachuu ibsaniiru.

Wandimmuu Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.