Fana: At a Speed of Life!

Ittisa vaayarsii koroonaaf kan oolu deeggarsi maaskii kuma 500 olii fi maallaqaa taasifame

Finfinnee, Caamsaa 25, 2012 (FBC) – Ittisa vaayarsii koroonaaf kan oolu deeggarsi maaskii kuma 500 olii fi maallaqaa taasifame.
 
Ityoophiyaatti Ambaasaddarri Chaayinaa dhaabbilee Chaayinaa 6 irraa walitti kan qaban maaskii kuma 500 fi meeshaalee garagaraa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneef arjomeera.
 
Dhaabbileen lammiilee Ityoophiyaa garagaraa deeggarsa Birrii miiliyoona 1.1 fi meeshaa harka ittiin dhiqatan miilaan hojjetu Birrii kuma 100 fi kuma 80tti tilmaamau deeggarsa taasisaniiru.
 
Itti aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa wayita deggarsicha fuudhan waqtiwwaan rakkisaa uumamu danda’u yaada jedhuun naannoowwan hundatti jiraattootan kan ijaarame qindoomina bilookii uumuu akkasumas baankii nyaataa qopheessun qophii taasisaa akka turan himaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.