Fana: At a Speed of Life!

Ityoo-Injinaaring Giruup, YTO waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2015 (FBC)-Ityoo-Injinaaring Giruup, Dhaabbataa Chaayinaa YTO waliin waarshaa waggatti tiraaktaroota kuma 10 oomishu ijaaruuf waliigaltee mallatteesseera.

Warshichi Magaalaa Mojootti kan ijaaramu yoo ta’uu, dhaabbatichi yeroo gabaabaa keessattii warshaa tiraaktaroota oomishuu sadarkaa 1ffaa xumuruun hojiittii kan galamuu ta’uun ibsameera.

Warshichi ijaaramee waayita xumuramuu guyyatti tiraakteeroota 50, waggatti immoo tiraaktaroota kuma 10 ol oomishuun qonna biyyaa keessaa ammayyessuuf faayidaa olaanaa qabaachuun himameera.

Waliigaltechas, Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Ityoo-Injinaaringi Giruup Ambaasaaddar Suleemaan Daaddafoo fi Hojii Raawwachisaa Pirojektootaa Dhaabbata YTO CAMACO Waangi Siin mallatteessaniiru.

Warshichi tiraaktaroota malee, Koombayinaraa fi maashinaa miidhaan hamuu kan oomishuu ta’uun eerameera.

Barakat Takkaalinyitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.