Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teeleekoom tajaajila Interneetii saffisa olaanaa qabu 4G LTE advaansid jedhamu Riijiinii Kibbaatti hojiirra oolche

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC) – Ityoo Teeleekoom tajaajila Interneetii Moobaayilaa saffisa olaanaa qabu 4G LTE advaansid jedhamu Riijiinii Kibbaatti hojiirra oolcheera.
Tajaajilichi Interneetii moobaayilaa saffisa olaanaan fayyadamuuf kan dandeessisu ta’uu ibsameera.
Magaalaa Finfinneetti waggaa 1 dura hojiirra kan oole yoo ta’u har’a yeroo jalqabaaf sadarkaa naannootti Magaalaa Adaamaatti hojiirra ooleera.
Finfinneen alatti yeroo jalqabaaf Riijiinii Kibbaa magaalaa Adaamaa, Bishooftuu, Duukam, Mojoo, Galaanii fi Awaash Malkaasaatti hojii eegaleera.
Maamiltoonni tajaajila Interneetii Moobaayilaa saffisa olaanaa qabu akka argataniif kan gargaaru ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.