Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Afrikaan Kibbaa waliigaltee namoota yakkan barbaadaman dabarsanii kennuu mallatteessan

Finfinnee, Adoolessa 24, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Afrikaan Kibbaa waliigaltee namoota yakkan barbadamaan dabarsanii kennuuf dandeessisu mallatteessaniiru.

Walga’iin Komiishinii Waloo Ministiroota Ityoophiyaa fi Afrikaa Kibbaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Walga’iicharratti Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin, Ministira Walta’iinsaa fi Hariiroo Adil Addunyaa Afriikaa Kibbaa Dooktar Naledi Paandorii fi qondaaltonni olaanoon biyyoota lameenii biroon argamaniiru.

Waliigaltichas Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoosii fi Ministirri Walta’iinsaa Fi Hariiroo Adil Addunyaa Afriikaa Kibbaa Dooktar Naaleedii Paandor mallatteessaniiru.

Biyyoonni lameen sadarkaa raawwii waliigaltee, daldalaan, invastimantiin, saayinsiin, innooveeshiniin, barnootaan, fayyaan, aadaa fi gama hedduun mallatteessan sadarkaa irra jiru gamaaggamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.