Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Baankii Misooma Afrikaa waliigaltee deeggarsa Doolaraa Ameerikaa miiliyoona 31.2 mallateessan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2013 (FBC)- Ityoophiyaa fi Baankii Misooma Afrikaa waliigaltee deeggarsa Doolaraa Ameerikaa miiliyoona 31.2 mallateessaniiru.

Deeggarsichi torbe har’a  Fandiin  Misoomaa Afrikaa kan raggasisee yoo ta’u, kana hordoofees guyya har’a sirni mallattoo gaggeefameera.

Waliigalticha Ministir Deettaan Ministeera Maallaqaa aadde Yaasmiin Wohaabriibii fi Baankii Misooma Afrikaatti itti aanaa daayrektara Afrikaa Bahaa Dooktar Abdu Kaamaar mallateessaniiru.

Waliigaltichi Ityoophiyaatti daa’imma quucaruu ittisuu fi nyaata madaalawaa dhiyeessuu kan dandeessisuudha jedhameera.

Deeggarsichi daa’immaan umrii waggaa shanii  gadi ta’aaniif nyaata madaalawaa dhiyyeessuuf oolaa jedhameera

Deeggarsichi fayyaa fooyyessuuf, nyaata madaalawaa gosa garaagaraa dhiyeessuuf, dhimma nyaata daa’immmanii fi ilaalchaa foyyeessuuf akkasumas harma hoosisuu, kunuunsaa fi qulqulliina guddisuuf kan tumsuu ta’uu ragaan Miniseera Maallaqaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.