Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee liqaa Doolaraa Ameerikaa miiliyoona 200 mallateessan

Finfinnee, Eebila 29, 2013 (FBC)-Ityoophiyaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee liqaa Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 200 (Birrii biiliyoona 8.4) mallateessuu Ministeerri Maallaqaa ibseera.

Maallaqichi jalqabarratti karoora Ityoophiyaa waggaa kudhanii qabatteef tumsa olaanaa ni taasisaa jedhameera.

Diinagdee dijitaalaa hojiirra oolchuu kan ooluu ta’u ibsameera.

Kunis moggaasni proojektii faawundeeshiin dijataala Ityoophiyaa jedhamuu kan laatamee fi liqa maallaqichaan hojiirraa oolchuuf proojektiin qabamee bara Faranjootaa Eebila 21, 2021 hanga Onkololeessa  30, 2026 jechuunsi hanga waggaa shaniitti kan turuu ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarra argamee ni muul’dhisa.

Waliigaltee liqichaa Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee fi Baankii Addunyaatti bakka bu’aan Afrikaa Kibbaa Oosmaan Diyoon mallateessaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.