Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi fandichi waliigaltee Doolaara miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 5.7 walii mallatteessan

Finfinnee, Muddee 30, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Fandiin Misooma Qonnaa Idil Addunyaa miidhaa jijjiirama qabeenya qilleensa naannoo baadiyyaatti mudatu ittisuu fi to’achuuf waliigaltee Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 5.7 walii mallatteessan.

Deeggarsichi qonnaan bultoota miiliyoona 13 oliif tumsa faaynaansii laachuuf kan ooludha.

Kunis qonnaan bultoota jijjiirama qabeenya qilleensatiin miidhamoo ta’aniif galii isaanii dabaluu fi tumsuufi jedhame.

Bara Faranjootaa 2017 roobni ga’aan dhabamuun oomishaa fi loon irratti miidhaan kan qaqqabe yoo ta’u, tilmaaman namoonni miiliyoona 8.5 deeggarsa namummaa barbaadu ture.

Waliigaltichas preezdaantiin fandichaa Giilbart F. Hoongiboo fi Xaaliyaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa fi Eejansii Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Roomitti bakka buutuun mootummaa FDRI Zannabuu Taaddasaan mallatteessaniiru.

Tumsi taasifame oomishtummaa dabaluu, muuxannoo qooddachuun dandeettii cimsachuu, walitti hidhamiinsa qonnaa fi indaastirii gabbisuun, fayyadamtummaa jiraattota naannoo baadiyyaa gogiinsan miidhamanii utubuuf oola.

Tumsi faaynaansichaa deeggarsa Doolaara miiliyoona 35.1 fi liqaa Doolaara miiliyoona 4.9 dabalata.

Maallaqichis dhaabbilee deeggarsaa idil addunyaarraa fi dhaabbilee faaynaansii biyya keessaarraa kan argamedha.

Ga’een mootummaa Ityoophiyaa Doolaara miiliyoona 51.9 yoo ta’u, Doolaarri miiliyoonni 0.9 ammoo kan fayyadamtootati.

Bara Faranjootaa 1980 eegalee fandichi Ityoophiyaatti Doolaara miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 95.5 misooma baadiyyaa 20f, Doolaara biiliyoona 2.1 ammoo proojaktoota addaddaaf laatera.

Kanaanis abbootiin warraa miiliyoonni 12 ta’an fayyadamoo ta’aniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.