Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Faransaay waliigalteewwan deeggarsa faayinaansii lama mallatteessan

Finfinnee, Amajjii 5, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Faransaay waliigalteewwan deeggarsaa faayinaansii lama Finfinnee Embaasii Faransaayitti mallatteessaniru.

Deeggarsi faayinaansii jalqabaa Yuuroo miiliyoona 32 yoo ta’u, deeggarsichi oomishtummaa qonnaa lammiilee naannolee Amaaraa, Tigraay, Afaar, Oromiyaafi uummattoota kibbaatti sababa walitti bu’iinsaan miidhamanii fooyyessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf kan oolu ta’uu ibsameera.

Waliigalteen deeggarsaa 2ffaan Yuuroo miiliyoona 10 ta’uufi kana keessaa miiliyoonni Yuuroo miiliyoonni 6 deeggarsa faayinaansii haaraa, Yuuroo miiliyoonni 4 ammoo liqa raawwii piroojektii daddabarsa humna elektirikaa kanaan dura kenname dheeressuuf taasifamuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.