Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Jaappaan  bu’uraalee misoomaa waliin hojjechuuf sanada waliigaltee walii mallatteessan

Finfinnee, Amajjii 1, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Jaappaan  bu’uraalee misoomaa waliin hojjechuuf sanada waliigaltee walii mallatteessan.

Sanada walii galtee kana konfaransii Iityoo-Jaappaan 2ffaa Finfinneetti gaggeeffame irratt walii mallatteessaniiru.

Konfaransii kana irratti  hoggantoonni olaanoon Ministeera Geejjibaa biyyoota lamaanii fi dhaabbileen ijaaraa 20 ol hirmaataniiru.

Ministirri Geejjibaa FDRI aadde Daagimaawwiit Magos konfaransiin kun muuxxannoo Jaappaan damee kana irratti qabdu qooddachuu fi  waliin hojjechuuf haala kan mijeessuudha jedhan.

Ministir Deettaan Ministeera Lafaa, Bu’uraalee misoomaa ,Geejjibaa fi Turiiziimii Jaappaan Noobuhideen gama isaaniin Jaappaan abbootii qabeenyaa damee kana irratti hirmaachisuun damicha deeggaruu fi waliin hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Hojiilee hanga ammaatti hojjetaman gamaggamuun yeroo itti aanuu dhimmoota xiyyeeffannoon hojjetamuu qabu irratti mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Geejjibaa irraa argame ni mul’isa.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.