Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Jibuutiin tumsa bu’uuraalee misooma Daandii, Baaburaa fi tajaajila buufataarratti qaban caalmaatti cimsuuf fedhii qabaachuu ibsan

Finfinnee, Eebila 4, 2013 (FBC) .- Ityoophiyaa fi Jibuutiin tumsa bu’uuraalee misooma Daandii, Baaburaa fi tajaajila buufataarratti qaban caalmaatti cimsuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Jibuutiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Birihaanuu Tsaggaayyeen dura taa’aa abbaa Taayitaa Buufataalee fi naannoo bilisaa Jiibuutii Abbubakar Oomaar Haadii waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Ijaarsi proojektii daandii kiiloo meetira 80 Diikilii – Dahaaruu yeroo kaa’ameef keessatti akka xummuramuuf itti dhiyeenyaan hordofuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Dabalataan boba’aa fi shaqaxoota bu’uuraa saffisaan qaqqabsiisuuf tattaaffii taasiifamu ariifataa taasiisuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.