Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Kuubaan damee Saayinsii fi teeknooloojiirratti tumsaan hojjechuuf fedhii qaban ibsan

Finfinnee, Caamsaa 10, 2013 (FBC)- Ityoophiyaa fi Kuubaan  damee Saayinsii fi teeknooloojiirratti tumsaan hojjechuuf fedhii qaban ibsaniiru.

Kubaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Shibbiruu Maammoo, Ministira Ministeera Saayinsii fi teeknooloojii fi eegumsa naannoo Kuubaa Albaa Rooz Peereez Moontooyaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniitin biyyoonni lamaan waliigaltee damee saayinsii fi teenkooloojiirratti waliif mallatteessaan haala hojiirraa olchuun danda’amuurratti mari’ataniiru.

Biyyattin teeknooloojii, meetrooloojii akkasumas saayinsii fi teeknooloorratti tumsaan haala hojjechuu danda’aan irratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Shibbiruun, filannoo yeroo itti aanuu, hidha haaromsaa guddichaa Ityoophiyaa , burjaajjii daangaa Ityoo Sudaan fi deeggarsa namoomaa fi hojii deebisanii dhaabuu  naannoo Tigraayitti raawwataamaa jiru ministirichaaf ibsa taasisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.