Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Turki damee Geejjibaan tumsaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Turki damee Geejjibaan dhimmoota Teeknikaarraatti tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallateessan.
Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagmaawiit Mogas Ministira Ministeera Geejjibaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Turki Adiil Kaaraayismaayloogluu waliin waliigalticha mallatteessaniiru.
Akka waliigaltichaatti biyyoonni lamaan damee Geejjibaan hojiilee dhimmoota Teeknikaa waliin hojjetu.
Dabalataan ijaarsa dandeettii fi muuxxannoo damee Geejjibaa wal jijjiiru jedhame.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.